Contact Us on Social Media

 

Alamuu Qixxeessaa2

Koloneel Alamuu Qixxeessaa (Bitooteessa 5, bara 1907 - Mudde 09, 2001) loltuu waraanaa fi qabsaawa mirga Oromooti. Koloneel Almuun dargaggummaa isarraa eegalee hanga gaafa boqotouutti umani Oromoon gabrummaa jalaa ba’ee abbaa biyyasaa akka ta’u murannoodhan nama hojjataa turedha.

Kabajamaa Koloneel Alamuu Qixxeessaa abbaasaanii obbo Qixxeessaa Yaadatee fi haadhasaanii addee Haayyuu Roobiirraa Bitooteessa 5, bara 1907 waltajjii Oromiyaa anaa Jalduu ganda Goojjoo keessatti dhalatan. Koloneel Alamuun bakki isaan itti dhalatanii guddatan magalaa Jalduu fi nannoo sana manni baruumsa ammayyaa waan hin jirreef, mana barnoota amantii (qeesii) seenanii barataniiru. Abbansaanii obbo Qixxeessaan, ilmisaanii akka isaanii baratu waan barbadaniif gara Finfinnetti eerganii akka raayyaa waraanaa biyyattii keessatti qaxaramu godhan. Koloneel Alamuun yeroo sanatti raayyaa waranaa Eegduu Mootichaa (Imperial Bodyguard) jedhamee beekamu keessatti qaxaramanii hojjataa osoo jranii gama tokoon ammoo barnoota ammayyaa fi afaan Faaransaayii barachuu eegalan.

Mootummaa sirna goonfoo keessatti qaxaramee osoo hin bubbuliin aangoo ajajaa shantamaa gonfate. Kana keessatti, gara Waraana Maa'icaw akka duulan godhaman. Waraana Maa'icaw kan Xaaliyaanii waliin godhame kanarratti, Koloneel Alamuun luka isaanii rukutamanii gara biyya dhaloota isannii gara Jalduutti galan. Jalduutti galanii maatii isaanii waliin osoo jiraataa jiranii, biyyattiin Warana Xaaliyanitiin weeraramte.

Koloneel Alamuun jagnummaa fi gotummaa uumamaan qabaniin waraana Xaaliyanii kan isa meeshaa ammayyaa hiidhate, diinni adii fi gurracha hinqabu jechudhan waraana Xaaliyaanii qabsoo hidhannootiin falmuutti qajeelan. Lolaa osoo jiranii bara sana dhibee qorichi hin argaminneef kan ummata hedduu fixaa ture dhibee “tasiboo “jedhamee beekamun qabaman.

Koloneel Alamuun dhibee kana irraa akka caarraa ta’ee fayyanillee, abbaan isaa obbo Qiixxeessaa yadatee fi haatiisaa addee Haayyuu Roobii dhibee kanarraa fayyuu hindandeenye. Lamaan isaaniyyuu guyyaa tokkotti ijoollee isaanii koophaatti dhiisanii adunyaa kanarraa darban. Guyyaa tokkotti haadha fi abbaa isaanii kan dhaban Koloneel Alamuun, gaddi dachaa dachaadhaan irratti fe'ame. Obboleewwaniif maatii isaanii hunda jiraachisuun dirqamni kan isaanii ta’e. Haala kanan maatii jirachiisaa osoo jiranii gotoota Jalduu kan Xaaliyaniin lolaa jiran waliin walitti dabalamanii lolaa osoo jiranii harka warana Xaaliyaanitti kufan.

Waranni Xaaliyaanii, Koloneel Alamuu Qixxeessaa irratti murtii du'aa murteesse. Koloneel Alamuun guyyaa ajjeefamuu isaanii osoo eeggachaa jiranii, Xaaliyaniin gama tokkoon Jalduu keessatti Warana Xaalyanii barbadeessaa kan turan gotoota Oromoo kan Dirribsaa Faayyisaa Nagarootiin hoggnamuun akka harka isaanii keennatan kadhachaa waan turaniif, gonni Oromoo Dirribsaa Faayyisaa Xalyanidhaan "nama kiyya qabdanii kan isin harka jiru, Alamuu Qixxeessaa gadi-lakkiftan malee harka kiyya hin kennu" jedhe. Xaalyaniin Gotoota Oromoo Dirribsaa Fayyisaatiin hogganaman of harkatti galfachuuf jecha, Alamuu Qixxeessaa kan duuti itti murtaawe, mana hidhaa isaanii keessaa basanii gadi dhiisan.

Koloneel Alamuun akkuma mana hidhaatii hikkamaniin, waraana Diribsaa Fayyisaatiin hogganamutti dabalame. Gootni Oromoo Dirribsaa Faayyisaa Alamuu Qixxeessaa erga mana hidhaatii hiiksifateen booda, gootota bara sana naannoo Jalduutti argaman, kan akka Xanqeessaa Keelloo, Mi’eessaa Jombaa, Niigisaa Faajjii, Dinqaa Urgoo fi kanneen biroo waliin warana Mosoloonii kan Jalduu keessa qubatee jiru irratti lola banuudhaan hanga dhumaatti lolaa turaniiru.

Erga Xaaliyaanin biyyaa baatee booda, H/Sillaaseen gara aangoo isaatti deebi'e. Gotonni Oromoo waggaa shan guutuu Xaalyaniin falmaa turan kan akka Kabbaddaa Buzunaash fa'aa aangootti deebi’uu H/Silasee mormaa akka turan keessa beektonni ni dubbatu. Koloneel Alamuun akkuma mootummaan sirni gonfoo dhaabbateen mana barnoota Akkaadaamii Waraanaa Hoolotaa seenaanii barataniiru. Bara 1944, gara kaaba Itoophiyaa Ambaalagee bakka jedhamutti akka duulan ajajamanii rasaasaan rukutamaniiru. Koloneel Alamuun Akkadamii Waraanaa Hoolotattii barsiisaa ta’anii waggoota lamaa oliif hojjataniiru. Koloneel Alamuun Bulichiinsa Mootummaa H/Silasee keessatti sadarkaa gadiirraa egalee hanga Sadarkaa oliitti hojjataniiru. Hojii isaanii kana keessatti, Mootumman sirna gita-bittoota Habashootaa ilaalchi Oromoo fi lammii Oromotii qaban akka gaaritti hubataniiru. Koloneel Alamuun Oromoo ta'uu isaanii irraa kan ka’een, bulchiinsa mana waraana biyyatti keessatti isaanifi Oromoota raayyaa ittisa biyyattii keessa jiran irratti, kan raawwatamaa ture haala qabatamaadhaan argaa turaniiru.

Qabsoo uummata Oromootiif daandii kan saaqe tokkoo fi inni guddaan hundeeffama Maaccaa fi Tuulamaati. Maaccaa fi Tuulamni mootummaa sirna nafxanyootaatiin gaggeefamu keessatti, ummata Oromoo gabrummaa jalaa basuuf wareegama barbachiisu kaffaleera. Rakkoo uummanni Oromoo qabu, amma tokko irraa saliphisuuf, misooma maqaa godhatee kan dhaabbate kana keessatti, Koloneel Alamuun jalqaba irraa eegalanii hanga gaafa addunyaa kanarraa darbaniitti, pirezidaantii waldaa kanaa ta'anii halkani fi guyyaa hojjachaa turan.

Koloneel Alamuun, barreessaa Waldaa kanaa kan turan Hayilamaaraam Gammadaa waliin ta'udhaan Oromoonni bebeekkamoo ta'an akka waldaa kana keessatti miseensa ta'an cimsanii hojjachaa turan. Isaan keessaa Jeeneeraal Abbabaa Gammadaa, Jeneraal Tolaa Badhaadhee, Jeeneeraal Jaagamaa keelloo, Dajjazmaach Dani’eel Abbabaa, Kabbadaa Buzunaash fi kan biroo miseensa gochuun yeroo itti hin fudhanne. Akkeekni Waldaa Maaccaa fi Tulamaa beekumsaa fi qabeenya qaban wareeganii uummata Oromoo dukkana keessa jiru kana keessaa gara ifaatti baasuu waan ta'eef, kan lafa qabu lafa isaa kennee, akka manni baruumsaa irratti banamu waan waliigalameef jalqaba duraatiif gochaan kun Koloneel Alamuu Qixeesatiin hojii irra ooleera.

Haaluma kanaan Koloneel Alamuun, bakka dhaloota isanii nannoo Jalduu manni barumsaa tokkollee waan hin jirreef ijoolleen aanaa Jalduu akka barnoota ammayyaa argattee ija banattuuf lafa magalaa Jalduu qabanirraa kaare meetira 10,000 ol eebbisanii ummata Jalduuf keennudhan manni barumsaa kutaa 1-6 itti bananiiru. Haluma kanaan, Kabbadaa Buzunash Misooma Ada'aa Bargaa fi Goroo Makootti kaare meetira 20,000 yoo kennan miseensonnii fi hoggantoonni Waldaa Maaccaa fi Tulamaa duursanii qabeenya fi humna isaanii waakkii tokko malee wareeganiiru.

Waldan Maaccaaf Tulamaa hogganummaa Koloneel Alamuu Qixxeessaa jalatti, yeroo gababaa keessatti ummata Oromoo yoo gaammachiisu, H/Sillaasee fi kanneen isaan marsanii jiran mara ,yaaddoo keessa isaan galcheera. Waldaan Maaccaa fi Tuulamaa xiyyeeffannan isaa inni guddaan, uummata Oromoo barisiisuu irratti waan ta'eef, uummanni Oromoo ammoo yoo of bare akka isaan harkaa ba'u waan beekaniif, adeemsa waldaa kanaa gabaabsuu akka qaban murteeffatan.

Keessattuu Waldaan kun of keeessatti hammatee kan qabu hoggantoota waranaa, hojjatoota mootummaa, barattoota fi qotee bultoota Oromoo akkasums kan akka Saba Oromoo cunquursaa habashootaa jala jiran Sidaamaa, Walaayittaa, fi kkf waliin ta’uun hedduu isaan yaddeeseera.

Koloneel Alamuu Qiixxeessaa H/Silasee biratti ija hamadhan ilaallamaa turan. Sababiinsaas yeroo Oromoonni Raayyaa hacuuccaarraa kan ka'e fincilanii lola jalqaban "waraanni meeshaa ammayaa hidhate ittiduuluu hinqabu, kun biyyaa keessaa waan ta’eef kan biyyaa keessaa poolisii ta'uu qaba" waan jedhaniif, Mootummaa H/Silasee biratti waamamanii diniin cimaan eerga keennameefiin booda, guddinni karaa seeraa mana waraanatiin keennamuu malu hunda hanga Waggaa 5tti akka hinkennamneef godhamanii, bakka duraan ramadamanii hojjachaa turaanirraa gara biraatti akka jijiraman godhamani. Gara biroon ammoo haala Waldaa Maaccaa fi Tulamaatin walqabateen H/Silaseen hogganoota Waldaa kanaa Jeneeral Taddasaa Birruu fi Jaarsolii beebekamoo Arsii waliin H/Silasee biratti yeroo dhiyaatan Koloneel Alamuu Qiixxeessaa sodaa tokko malee "H/Silaseedham ati maa Oromummaan nu yakkitaa? ati Oromoo miti?" yeroo jedhaniin, H/Silaseen "isa eenyutu nutti himi siin jedhe" jedheen jedhama.

Koloneel Alamuun ilma angafaa Abarraa Alamuu jedhamu kan Ajajaa dhibbaa ta'e qabu ture. Abarraan ajajaa dhibbaa ta’ee Asmaratti ramadamee hojjataa osoo jiru, akka caarraa ta'ee bara lola Jeeneeraal Mangistuu Niwaay Finfinnee yeroo dhufu lola kan afaan bu’e. Abarraan lola kana irratti gara Mootummaa H/Silasee goree lolaa osoo jiruu warana Garmameefaatin ajjeefame.

Koloneel Alamuun ilmi isaanii lola isaaf hinmalle kanarratti du’uusaan bayyee akka gaddan keessa bekitoonni nidubatu. Dhimma Waldaa Maccaatiin yakkamanii yeroo Kaabinoota H/Silasee duratti dhiyaatan, lolarratti yeroo lama rukutamanii waan turaniif "luuka koo yeroo lama isiniif keennera! Ilma koo Abbarraa isiniif kenneera akka lammii Oromoottii ijaaramnee biyya keenya keessatti misooma, guddisuun maaf yakka isiin biratti ta’e?" jechuun gaaffii deebii hinarganne hoggantoota Mootummaa H/Silasee tii dhiyeesaniiru. Ilmi isaanii Abbarraan Mootummaa H/Sillaaseef du’uusaan hedduu akka gaddaan bekitonni ni dubbatu. Hata’uu garuu hogganummaa isanitiin kan dhalate waldan Maccaa fi Tuulamaa akka dhabamee badu, kaabinoota H/Silaseetiin hoggantoonni waldaa kanaa, sobaan yakkanii adabbiin adda addaa yeroo irratti murtawu, Koloneel Alamuu irratti murtiin adda addaa sadii (3) irratti murtaaweera: Hidhaa cimaa waggaa 10, maqaan isaanii koloneelummaan akka irraa mulqamu fi yeroo mana hidhaatii hiikaman mirgi eenyummaa akka waggoota shaniif irraa mulqamu kan jedhu ture. Koloneel Alamuun akka uummani Oromoo isaan arguu ykn gaafachuu hin dandeenyeef faggeessanii Gondoor magalaa Dabra Taaboritti akka hidhaman godhaman. Yeroo mootummaan H/Silasee kufu, hoggantooni waldaa kanaa hundu mana hiidhati hiikkaman.

Erga mana hiidhatii hikkamanis uummani Oromoo akka blisummaa isaa gonfatee abba biyyaa isaa ta’u, bakkoota adda addatti aanaalewwan fi kutaalewwan Oromiyaa keessa naannawanii keessattuu bara 1991/1992 barsiisaa turaniiru. Ibsa isaan waajiraa ABO yeroo sana Gullallee jiru dabalatee keennaa turan mootummaa wayyaanee biratti isaan balaleefachiisullee sodaa tokko malee uummata kanaaf of keennanii hojjataa turaniiru.

Bara 1992 keessa, hogganaan wayyaanee Mallas Zeenaawwii bakka jirutti wamamanii osoo waliga’iirra jiranii bakka bu’aa OPDO yeroo sanaa kan ture Kumaa Dammaksaa, "uummata Oromoo kan diigu kan akka keessanii kana" yeroo jedhaniin Sodaa kan hin beekne Alamuu Qiixxeessaa "Yeroon ani mirga Oromooti falmuu jalqabu ati hudduu kee hinxaraganne" jedhanii waliga'ii sanarratti kumaa salphisanii akka gadi teesisaan namoonni walga’ii sanarratti argaman ni dubbatu. Koloneel Alamuu bara jireenya isanii yeroo hedduu mana isanii dhaqee waliin dubbachuu carraa argadheera. Abbaa kiyya waliin nannoo tokkotti waan waliin guddataniif walitti dhufeenya qabu. Akkuma ABOn Mootummaa Ce’uumsa keessaa ba’een ijoollee Oromoo rakkoon irra ga’ee hunda gargaraa turan. Anaafis gargarsa nagodhaniiru. Yeroo sana waan lama isani irraa dhaga’eera.

Yeroo sana waan lama isani irraa dhaga’eera.

Oromon tokko ta’u malee, mirga isaa argachuu akka hin dandeenye, dhaabbilleewwan Oromoo blisummaa Oromootiif falman akka tokkoo ta’an irratti hedduu dhamaaniiru. Bakka deeman hundatti, Oromoon osoo lagaafi Amanitidhan wal-hinqodiin harka walqabatee ka’u malee, rakkoo amma jiru keessaa ba’uu akk hin dndeenye hubachiisaa akka turan bara jireenya isanii dubbii isaan godhaa turan Videoo ilaluun ga’adha. Bara 1994 dhabbilee blisummaa Oromoof qabsa’an lameen walitti fiduuf hedduu akka yalaa turan afaan isaanii irraa dhagaeera. Keeniyaa Nairobii keessattii ABO fi IFLO walitti fiduuf beellama qabatanii yeroo isaan Oromiyaa irraa Naa iroobitti argaman, Gara ABO tiin Galaasaa Diilboo yeroo argaman, karaa IFLO amoo bakka bu’an Jaarraa argamaniiru. Hayya dureen ABO yeroo sanaa Galasaa Diilboo eerga Jaarraan hin argaminne, anis bakka bu’aa waliin hin dubadhu! jedhanii akka dhiisan na hubachisaniiru.

Waa’ee Qabsoo Baalee ti. wa’een Qabsoo Balee yeroo ka’u namonni hedduun osoo hin beekiin ykn osoo beekanii, Qabsoo sana kan dhaamse J/ Jaagamaa Keelloo akka ta’eetti himu. Jaagamaa Keelloo Qabsoo diddaa garbummaa Baalee akka hin dhamisine irraa hubadheera.

Bara 1991/1992 yeroo ABOn Mootummaa Ce’uumsa Ithiopiya keessa jiru, waajjiroonni ABO bakka adda addatti yeroo banaman, hoggantonni ABO fi Koloneel Alamuu bakka hedduu deemanii ummata isaniif ibsa kennaa turaniiru. Baatii Onkoloolessa bara 1991 waajjirrii ABO Yeroo Jalduutti banamu, Koloneel Alamuu fi namoonni bebbeekkamoon ABO fi bakkoota biroo irraa argamaniiru. Waliga’ii kana nama qindeesse keessaa nama tokko waanan ta’eef Ummani Anaa Jalduu, Ginddabaratii fi Meettaa Roobii hedduminan akka argaman irratti hojjatameera.

Guyyaa seenaa qabeessa kana irratti kan argaman Kloneel Alamuu Qiixxeessaa, Obboo Damisee Kabbadaa (ABOrraa), Girmaa W/Giyoorgis Sooddoo Jiddaa bakka bu’dhan (Preezadantii), Jeneraal Jaagamaa Keelloo fi kanneen birooti. Jaagamaa Keelloo bara Xaalyaanii nannoo sanatti lolaa waan turaniif Ummata anaa Jalduu biratti maqaa guddaa qabu. Ummani Jalduu, Alamuu Qixxeessa fi Jaagamaa Keelloo maqadhan malee, arganii waan hinbeekinneef isaan argudhaaf Oromoni dhufan heddudha.

Bakki walga’iin kun itti Qoophawe mana baruumsa Jalduu keessatti yoo ta’u, mana baruumsaa kana yeroo Waldaa-Walgargaarsa Maaccaaf Tulamaa hundeessan, jalqaba duraatiif, lafa qaban keennanii kan Ummata Jalduuf ijaarsiisanii, Oromoota nannoo biroof fakkii goddaa kan ta’aniidha.

Read more at : https://om.wikipedia.org/wiki/Alamuu_Qixxeessaa

 Image may contain: 1 person

የቦረና ኦሮሞ
በኬንያ ፦ መርሳቢት ፥ ሶሎሎና ኢሲዮሎ ጠቅላይ ግዛቶች ውስጥ በከፍተኛ ቁጥር የሚገኝ ሲሆን ፤ የዚህን ቁጥር 5 ጊዜ እጥፍ የሚሆነው ደግሞ በኢትዮጵያ ውስጥ በአሁኑ አከላለል ቦረናና ጉጂ ዞኖች ውስጥ ይገኛል ። 
ይህ ማህበረሰብ የሚገርም ዴሞክራሲያዊ ስርዓት ፥ የዘመን አቆጣጠር ፥ አስደናቂ ባህላዊ እሴቶች ፥ ፍልስፍና ፥ ከጎረቤት ህዝቦች ጋርም ሆነ በውስጡ የሚፈጠሩ ተቃርኖዎችን የሚፈታበት መንገድ አለው ። ከጦርነት ሰላምን ይመርጣል ። ለዚህም ነው nuu wara nagee እኛ የሰላም አምባሳደሮች / የፍቅር ሰዎች ነን የሚለው ። እነሆም ከዛሬ ጀምሬ ከዚህ ማህበረሰብ ትውፊታዊ በረከቶችና በኢትዮጵያ ታሪክ አካልነቱ ለማወቅ ጉጉቱ ላላቸው እዚሁ ስር edit እያልኩ ያለመታከት አቀርባለሁ ። 
ጎን ለጎን ግን ጽሁፎቼን መለጠፌን አላቋርጥም ።
በቅድሚያ ከ1467 - 2016 ዓም በየስምንት ዓመቱ ማህበረሰቡን የመሩትንና እየመራ ያለውን ጨምሬ አፈ ጉባኤዎች / አባ ገዳዎች ላስተዋውቃችሁ ፦
1. ገደዮ ገልገሎ ያያ ከ1467 - 1475
2. ያያ ፉሌ ያያ 1475 - 1483 
3 ጃርሶ ባቦ ጋኖ 1483 - 1491
4 ደዌ ቦርቦር ደዌ 1491 - 
1499
5 ዲዳ ነምዱሪ አና 1499 - 1507
6 አሬሮ ቦሩ በልከቻ 1507 - 1515
7 ቲቲሌ ዱለቻ ያያ 1515 - 1523
8 ሉኩ ጃርሶ ባቦ 1523 - 1531 
9 Borbore Dawwee 1531 - 1539
10 Aga Raage Kalee 1539 - 47
11 Dagale Yaayyaa Diidaa 1547 - 55 
12 Ososo Tiitiilee Dullachaa 1555 - 63 
13 Borro Lukuu Jaarsoo 1563 - 71 
14 Abbaya Horroo Dullachaa 1571 - 79 
15 Bido Dhoqee Rassoo 1579 - 87
16 Horro Dullacha Guyyoo 1587 - 95
17 Yaayyaa Holee Bonayaa 1595 - 1603
18 Doyo Borro Lakuu 1603 - 11
19 Baaco Nadho Hachuu 1611 - 19
20 Urgumeessa Igu Beeree 1619 - 27
21 Baabo Horroo Dullachaa 1627 - 35
22 Baabo Sibu Beeree 1635 - 43
23 Hindhale Doyo Boru :1643 -1651
24 Hachu Abbiyu Baachoo :1651-1659
25 Aabu Laku Mormaa :1659-67
26 Abbayi Baabo Horroo :1667-74
27 Alle Kura Yaayyaa 1674-82
28 Wayyu Uru Malelee 1682-90
29 Morowwa Abayye Aasi1690 -98
30 Gobba Alla Nurra 1698-1706
31 Dawwe Gobbo Yaayyaa 1706-14
32 Jaarso Iddo Yaayyaa 1714-22
33 Wale Waccu Rooqaa 1722-30
34 Sora Dhadacha Iluu 1730-37
35 Dhadacha Roble Guyyoo 1737-45
36 Halake Doyo Hareree 1745-53
37 Guyyo Gedo Wallee 1753-61
38 Madha Boruu Dadoyii 1761-68
39 Sora Diida Qarsaa 1768-76
40 Bule Dhadacha Roblee 1776-83
41 Liban Wata Namfurii 1783-91
42 Wayyu Rale Canaa 1791-98
43 Boru Madha Boruu 1798-1806
44 Ungule Halake Saddee 1806-14
45 Saqqo Dhadacha Gaamadu 1814-21
46 Jilo Nyenco Soraa 1821-29
47 Sokore Anna Borboree 1829-37
48 Liban Jilo Hadhawa 1845-52
50 Jaldeesaa Guyyo Dabassaa 1852-60
51 Doyo Jilo Nyencoo 1860-68
52 Haroo Adii Liban 1868-76
53 Dida Bitata Maamoo 1876-83
54 Guyyo Boru Ungulee 1885-91
55 Liban Jaldeessa Guyyoo 1891-99
56 Adi Doyoo Jiloo 1899-1906
57 Boru Galma Doyoo 1906-13 
58 Liban Kuse Liban 1913-21
59 Arero Gedo Liban 1921-29
60 Bule Dabassa Bulee 1929-36 
61 Aga Adii Doyoo 1936 - 44
62 Guyyo Boru Galmaa 1944 - 52
63 Madha Galma Torree 1952 - 60
64 ጀልዴሳ ሊበን ጉዮ 1960 - 1968 
65 ጎባ ቡሌ ደበሳ 1968 - 1976 
66 ጂሎ አጋ አዲ 1976 - 1984 
67 ቦሩ ጉዮ ቦሩ 1984 - 1992 
68 ቦሩ መዳMadha ገልማ 1992 - 2000 
69 ሊበን ጀልዴሳ ሊበን 2000 - 2008
70 በአሁኑ ወቅት እየመራ ያለው ጉዮ ጎባ ቡሌ ከ2008 - 2016 ሲሆን ፥ ሃላፊነቱን በሚቀጥለው ዓመት አዲስ ለሚመረጠው አባ ገዳ ያስረክባል ። 
(እጅግ አስገራሚው ነገር 70ዉንም አባ ገዳዎች ከነዓመተ ምህረቱ ስማቸውን ፥ ጎሳቸውን ፥ ንዑስ ጎሳቸውን ፥ ከየትኛው የጎጌሳ መስመር እንደሆኑ አንዳች ሳያዛንፉ የሚነግሯችሁ የማህበረሰቡ ታሪክ አዋቂዎች ከሊበን ኢትዮጵያ እስከ ኢሲዮሎ ኬንያ መኖራቸው ነው ። )
የበለጠ የሚያስደምመው በየትኛው የገዳ ዘመን ምን እንደተፈጠረም ሳያዛንፉ የሚነግሯችሁ ብልህ አዛውንቶች ሃዩዎች መኖራቸው ነው ።
በዚህ ጊዜ የምክር ቤቱ አመራሮች በሙሉ ስልጣናቸውን ለአዲሶቹ አመራሮች አስረክበው ፥ ለቀጣዩ ስምንት ዓመት በአማካሪነት ያገለግላሉ ።
አመራሮች ፦
አባ dheeዳ - የግጦሽ አጠቃቀም አስተናባሪ ፤
አባ ዱላ - የጦሩ መሪ
አባ ኤላ - የውሀ አጠቃቀም ስርዓት አስከባሪና ባለቤት ፤
አባ ፈርዳ - ፈረሰኛ
አባ ጉያ - በውሀ አጠቃቀም ዙሪያ የእንስሳትን አጠጣጥ ቅደም ተከተል ፈር የሚያስይዝ ፤
አባ ገዳ - የመሪው ሉባ ወይም ጎጌሳ መሪ ፤
አባ ጎሳ - የጎሳ / ነገድ መሪ ፤
አባ ሄሬጋ - የጋማም ሆነ የቀንድ ከብቶች በኩሬም ሆነ በጅረቶች በተገቢው መንገድ ስለመጠቀማቸው የሚቆጣጠር ፤
አባ ጂላ - የጂላ ስርዓት መሪ head of the ceremony ፤
አባ ኦላ - የመንደር መሪ ፤
አባ ቀ'ዔ - የንዑስ ማህበረሰብ መሪ ፤
አባ ሴራ - የፍትህ ስርዓት መሪ ፤ 
አባ ወራና - የጦር አበጋዝ በተለያዩ እርከኖች በአባ ዱላው ስር ጦር መሪ 
Abbaa hookoo: holder of the forked stick ; a father who accompanies each group of boys during their Nyaachis roaming ... 
የገዳ ስርዓት 
ገዳ የቦረና የትውልድ ቅብብሎሽ አጠቃላይ ስርዓት ሲሆን ይህም ፦
አጠቃላይ ማህበረሰባዊ ጥንቅሩን ፤
የአንድን ገዳ ደረጃ ስርዓት ፤
በገዳ እርከን ደረጃ ያለ ግለሰብን ፤ በየስምንት ዓመቱ ከአንድ ደረጃ ወደ ሌላ ደረጃ ያለ ሽግግርን የሚያሳይ ፅንሰ ሀሳብ ነው ፣ 
ስርዓቱ ከጥንቱ የአቴና ዴሞክራሲ የሚልቅባቸው መገለጫዎች በርከት ያሉ ቢሆኑም ፥ ለማሳያ ያህል ፦
በአቴንስ ሶሎኑ መሪው ተደጋግሞ መመረጥ ሲችል ፥ የቦረና መሪዎች ከስምንት ዓመት ውልፊት የለም ።
በግሪክ መሪው መሪ ነው ፥ በቦረና ግን መሪው ሸንጎው ሆኖ ይወስናል ፤ በግሪክ መሪዎች ደጋግመው ይመረጣሉ ፥ በቦረና ከ8 ዓመት ማለፍ አይፈቀድም ፥ በግሪክ ሴቶች ቦታ የላቸውም ፥ በቦረና በሲቄ ተቋም check and balance system መብታቸውን ያስጠብቃል ። በተጨማሪም የመጨረሻውን ቅጣት የሚያስቀጣው ሴት ልጅን መድፈር ነው ። በግሪክ ጥቂት ባለሀብቶች Oligarchy የሚጠቀሙ ወሳኞች ሲሆኑ ፥ በቦረና አባ የሚል ቅድመ ስም ማዕረግ ያላቸው first among equals ከሁሉም እኩል ናቸው ። የሚመራቸው የመጨረሻ ስልጣን አካል ሸንጎው ነው ። በአቴንስ አብዛኛው ህዝብ ባሪያ ሲሆን ፥ በቦረና ባርያ የለም ። በግሪክ አቴንስ የውጭ ሰዎች ዜጋ አይሆኑም ፥ በቦረና ግን በጉዲፈቻ ስርዓት እኩል መብት አላቸው ፣
በቦረና ኦሮሞ በስልጣኑ አላግባብ የተጠቀመ አመራር Buqqiissuu (ከስልጣን ማውረድ ስርዓት/recall) ይሰናበታል። ወዘተርፈ 
በዚህ ዙሪያ የተሰነዱ በርካታ ጦማሮችን ብትፈትሹ አጀብ ማለታችሁ አይቀርም።
ይህ ተሞክሮ ጃጅተው እያንቀላፉና እያንጎላጁም ስልጣን ትዳር ለሚመስላቸው የአፍሪካ መሪዎች መልካም ተሞክሮ ይሆን ነበር ።

Credit to Taye Bogale Arega

 

 

 

Oliiqaa Dingil lammii Oromoo yoo ta’u, ummata Oromoo naannawa Qeellem Wallaggaa keessa jiraatu jidduudhaa kanneen hidda ja’an Sayyoo warra Laaloorraa dhalate. Qorannoon seenaa hangaa har'aatiin maqaa hadhaasaa beekuun danda'amu baatus maqaansaa guutuun Oliiqaa Dingil Bookaa jedhama.

Bakki dhaloota gooticha Oliiqaa, Qeellem Wallaggaa keessa Yamaaloogii Walal, Ganda Gurraattii Walal, bakka Deentaa Garee jedhamu. Barri dhalootasaa sirriitti qoratamee beekamuu baatus namoota bara sana beeku jedhamanirraa akka himametti, tilmaamaan bara 1890 ta’uu akka hin oole dubbatama.

Oliiqaa Dingil mana barumsaa qeesotaa /lubootaa/ galee akka barate seenaansaa ni mirkaneessa. Erga guddatee umriinsaa hojiif ga'ee booda bara bulchiinsa Hayilasillaaseemootummaadhaan mindeeffamee hojjetaa ture. Ga'een hojii goota kanaas gabaarra naanna’ee ashuura mootummaa walitti qabu ture. Gabaa hedduu inni irra naanna’aa ture keessaa gabaan Ashii, Muggii, Shabal, Qaaqeefaan ni eeramu. Bakki jireenyaasaa magaalaa Dambii Doolloo, Ganda 03 keessa akka ture odeeffannoon jiru ni ibsa.

Oliiqaan, dubartii maqaanshee Gannatawarqi Ashanaa jedhamtu Gidaamiidhaa fuudhee jiraachaa ture. Walumaagalatti Oliiqaan lammii nagaa namaa fi biyyaaf yaaduu fi quuqamu yoo ta’u amalasaa kanaan ummata Oromoo biratti hedduu jaalatama ture.

Caamsaa 23, bara 1929 wayita koloneeffattoonni Xaaliyaanii Itoophiyaa humnaan weeraranii qabatanitti waggaa tokko booda dhiibbaa koloneeffattoonni kun ummatarraan gahaniin mormee bosona seene. Gocha Xaaliyaanonnii fi sirni gita bittaa Nafxanyootaa ummata biyyattii keessa jiraatan irratti keessumaa Oromoorratti raawwachaa turanirraa kan ka’e haalli jireenyaa, aadaa fi safuun ummatootaa baduu jalqabe. Wayita sana Xaaliyaanonni lammiilee Itoophiyaa tokko tokko ofitti madaqsuudhaan maqaa “Baandaa” jedhamu itti moggaasuun duuka buutuusaanii taasifachaa turaniiru.

Xaaliyaanonni baandota kanneenirraa odeeffannoowwan gara garaa argataa, akka turjumaanaattis itti gargaaramaa turaniiru. Gochi baandotaafi Xaaliyaanotaa kun Oliiqaa qofa osoo hinta’iin namoota saba isaanii jaalatan hunda kan aarsu ture. Gochi suukanneessaan ummatarratti raawwatamu yeroodhaa gara yerootti babal’achaa dhufuusaarrayyuu roorroon haadha warraa Oliiqaa Dingil, Aadde Gannatawarqi /Moominaa/ Ashanaarra ga’eera jedhamu aarii Oliiqaan duraanuu qabu akka dabalu taasise. Kana malees gaaf tokko baandaa Xaaliyaanii kan ture namichi Baashaa Gabayyoo Waldee fi Oliiqaan otuu Amaariffaan haasa'anii Baashaa Gabayyoon Oliiqaa Dingil akka tuffiitti jecha Oromoon jedhamuu hin feeneen arrabsa.

Guyyaa biraammoo Baashaa Gabayyoon namicha Dhaabaa Maashaa jedhamu wajjin waliigaluudhaan Oliiqaan qarshii ashuuraa walitti qabe dhimma dhuunfaa irra oolfateera jechuun odeessisiisuurra darbee hoogganaa Xaaliyaanii yeroo sanaatti hima. Oliiqaan qawwee dhokfatee qaba jedhees yakke. Odeeffannoo kanarratti hundaa’uun XaaliyaanonniOliiqaa qabanii mana hidhaa galchan. Oliiqaan halkanuma sana mana hidhaa cabsee ba’uudhaan, bakka dhalootasaa Deentaa Garee dhaquudhaan qawwee Beeljigii 2fa jedhamu bitatee Dambii Doollootti deebi’e.

Halkan gaaf tokkoo Baashaa Gabayyoo ajjeesee, gara mana Baashaa Gabayyoos dhaqee haadha warraa Baashaa alatti baasuun, “Ati dhirsa kee dhabda, ani immoo haadha warraa koon dhabe” jechuun du’a abbaa warraashee itti himee manicha qabeenya keessa jiru waliin gube. Itti aansee, namicha Dhaabaa Maashaa jedhamummoo Gabaa Dafinoo /Dambii Dolloo/ keessatti ajjeesee, “Anatu ajjeesee nama bira hin gaafatiinaa” jedhee barreessee mukatti maxxanse. Intalasaa fi haadha warraasaa Ganduma 03 keessatti dhiisee deeme.

Kana booda Oliiqaan nama durumaa qabee isa bira jiraatu, kan maqaansaa Shaanqoo jedhamu, qawwee namoonni dirqiidhaan Xaaliyaaniif galchuuf deeman irraa booji’ee Shaanqoo hidhachiise. Kanaanis Xaaliyaaniifi baandaarratti tarkaanfii fudhachuu eegalan. Sababoota Oliiqaa 'shiftummaaf' kakaasan keessaa tokko tokko eeruuf.

  • Namni Tafarii Alabee Goonboo jedhamu Haroo Machaaraarratti fannifamuun, Qanyaazmaach Dhoosaa Abbaa Qoroo qawwee dhoksite jechuun harkasaanii duubatti hidhanii Buraayyuu bakka, “Bakkee Abbaa Boroo” jedhamutti rasaasa torbaan ajjeefamuusaaniifaa eeruun ni danda'ama.
  • Guyyuma Luba Maammoo Corqaa fi Luba Gidaadaa Soolan Hayilasillaasee wajjin quunnamtii qabdu jechuun harkasaanii lachan duubatti hidhanii Jimmaa Abbaa Jifaar geeffamanii murtoon du’aa itti murta’ee utuu har’a boru duuna jedhanii eegaa jiranii haala hin yaadamneen bilisa ba'anii gara naannawa jirenyaasaaniitti deebi’aniiru.

Oliiqaan erga Gabayyoo ajjeesee deemee booda gaaf tokko halkan keessaa sa’aatii shanitti haala haati warraasaa irra jirtu ilaalee deebi’uuf wayita gara manasaatti qajeelu isheen teessee jirbii fo’aa:

“Oliiqaa yaa abbaa jigsaa ati duute moo jirtaa?

Utuu ati jiraattee hantuunni maa warraaqxee?

Yaa abbaa coomaafi booka kootii amaaseniin maal na gooti?”

jettee isa faarsituu dhokatee dhaggeeffate. Halkan sana dhokatee ishee ajjeesee deebi’uuf yaadeeti kan dhufe. Garuu wayita faaruu haadha warraasaa dhaga’u cancala qawweesaa dhaamsee halkan sana manasaa bulee ganama bariidhaan bakka dhufetti deebi’e. Yeroo yerootti uffata waraana Xaaliyaanii uffatee Dambii Dolloo seenuudhaan mana Aadde Moominaafi Aadde Daasharee Akkayyuutii daadhii dhugee, odeeffannoo barbaachisus walitti qabatee deebi’aa ture. Namoota isa fakkaatan waliinis dhoksaatti ni mariyata ture.

Deggartoota Oliiqaa gocha weerartoonnii fi jala kaattuun warrasaaniirratti raawwatan namoota hedduu aarsee tureera. Haala kanatti aaree kan garaa kutate Oliiqaa duukaa shaffata, warri kuun immoo, naannoodhuma jiran taa’anii deggaraa turan. Daggarsi kennamaa tures, odeeffannoo kennuu, galaa qopheessanii nyaachisuu, meeshaa waraanaa kaa’uufi erguu dabalata. Namoonni adda addaa yeroo waraanni Oliiqaa naannawa tokko galu nyaataa fi dhugaatii dhiyeessuudhaan halkanii guyyaa wajjin dhama’aa turan. Loltoonni Oliiqaa Xaaliyaanii dhamaasaniifi baandaa bakka garagaraatti oliifi gadi joonjessaa fi ajjeesaa turan.

Bakkii da'annoosaanii haala yeroon jijjiirama ture. Lafti akka holqa Qacii, Aggataa, Macaqeddoo, Ondoloqqee, Doggaa, Walal, Cabal, Qilxuu Kaarraa fi Ulaa Biyyaa’oo bakka itti da’atan akka ture dubbatama.

Lola koloneeffattoota wajjin godhame guyyaafi haalli lola Oliiqaadhaan geggeeffame barreeffamaan yoo jiraachuu baateyyuu seenaa afaaniin darberraa hubachuun akka danda’amutti qabsoo ittisa koloneeffataa keessatti Oliiqaa Dingil gumaacha olaanaa akka godhe beekama. Tooftaa mataasaatiin geggeeffamee injifannoowwan gurguddoo galmeessaa tureera. Fakkeenyaaf yeroo Xaaliyaanonniifi baandaan Oliiqaan Awusa jira jedhanii achi dhaqan jalaa mimmiliquun jara joonjessaa tureera. Injifannoowwan guguddoo waraana Oliiqaatiin argaman keessaa Aanaa Yamaaloogii Walal keessatti bakki Fiinchoofi Dubbisi jedhamu gidduu lola Xaaliyaaniifi Oliiqaan wajjin gaggeeffameen Xaaliyaanonni 30 ta’an du’aniiru. Dirreen injifannoo inni seena qabeessa jedhamee himamu immoo, lola Wallaggaa, Aanaa Tajjootti gaggeeffame yoo ta’u, lola kanarratti baandonni 750 ta’anii Oliiqaatti duulan. Lola hamaa, tooftaa fi kutannoo guddaa gaafate kanarratti Xaaliyaaniifi baandonni waraana Oliiqaatiin yommuu dhuman, loltuun Xaaliyaanii maqaansaa Tinintii Biichee jedhamuufi baandonni sadii duwwaan baqatanii deebi’anii akka galaniidha kan ibsamu.

Namoota Xaaliyaanii wajjin waliigalanii Oliiqaa fi waraanasaa booji’uuf ykn ajjeesuuf yaalaa turanirratti Oliiqaan dursee tarkaanfii fudhataa ture. Akka fakkeenyaatti namichi maqaansaa Waacilaa Waloo jedhamu miseensa waraana Oliiqaa kan ta’e Dhaabaa Bocoloo ajjeefnaan Oliiqaan battaluma sanatti Waacilaa Waloo, Anfillootti ajjeesee gumaa Dhaabaa Bocoloo baaseera. Itti dabalees, Aanaa Tijjootti namichi maqaansaa Fullaasaa Baabil jedhamu, "Oliiqaa ajjeeseen mataasaa muree fida" jedhee Xaaliyaaniif waadaa galee qawwee minishirii shan fudhatees deeme. Otoo hin turin dhimmi kun Oliiqaaa bira ga’e, Oliiqaan mana Fullaasaa Baabil dhaqee ajjeesuudhaan qawwee shananuu harkaa fudhatee humna waraanasaa ittiin cimsate. Haaluma kanaan lola hedduurratti lubbuun diinaafi deggartootasaanii lakkoofsaan kaa’uun nama rakkisu dhabameera.

Walumaagalatti qabsoon Oliiqaan ummata Oromootiin deggaramee gaggeesse, ummatichi akkasuma lammiifi saba kaanii goota cimaa akka qabu kan mirkaneessuu dha. Du’a Oliiqaa Dingil qabsoo ittisa koloneeffataa Oliiqaa Dingil gaggeessaa ture jala deemtonni diinaa hin deggaran ture.

Oliiqaan yommuu bosonaa dhufu Magaalaa Dambi Dolloo keessa mana meeshaasaa keewwatu qaba ture. Yeroo inni dhufee kaa’u halkan keessaa sa’aatii shanii hanga 10 gidduu ture. Yeroo bosonatti deebi’ummoo rasaasaafi meeshaalee isa barbaachisan fudhateeti.

Namichii Oliiqaan waliin hojjetu, warra Xaaliyaanii wajjin qunnamtii dhoksaa qaba ture. Namichi akka warri Xaaliyaanii hin shakkineef halkan halkan manasaa biratti qawwee dhukaasaa bula. Ganama ka'ee, eda mana eebaluu biratti qawween dhuka’aa bule yeroo jedhan Xaaliyaanonni dhaqanii qalahaa hammaarratanii akka galaniidha seenaan kan eeeru. Tooftaa kanaan Oliiqaafi namichi kun waliin deemaa erga turanii booda, qarshiin Oliiqaa namicha kanarratti heddummaataa waan dhufeef gaafa tokko Oliiqaan qarshiisaa akka deebisuuf gaafatee, namichi didnaan Oliiqaan arrabse. Arrabsoon Oliiqaa Dingil onnee namicha kanaa waan madeesseef namoota Oliiqaa Dingil qunnaman qarshiidhaan kadhachuu jalqabe.

Haaluma kanaan Oliiqaan holqa Qacii keessa otuu jiraatuu namichi isa irratti haaloo kuufate sun, dubartii imaanaa Oliiqaa turte /haadha warraa Baaburii Wagee/ uffata babbareedaa, bituufiidhaan, qarshiis harkatti kennuufiidhaan, akkasheen Oliiqaa hordoftee qoricha obaaftuuf summiin itti kenname. Haaluma kanaan osoo jiranii gaaf tokko Oliiqaa heexoon mul’anaan dubartiin imaanasaa turte sun qoricha daaktee summii itti kenname itti dabaltee Oliiqaan akka dhuguuf kenniteef.

Oliiqaan eddii summicha dhugee booda qaamnisaa dadhabaa adeeme. Guyyaa yeroon inni waa nyaatu geenyaan ammas lammaffaa nyaata summii qabu dabalteef. Dhugaatii maastikaa jedhamu kan summiin makame akka inni dhuguufis affeerte. Kana booda Oliiqaan laafaa deeme. Namoonni isa duukaa turanis waan godhan wallaalan. Guyyaa guutuu dhukkubsataa oolee, Roobii halkan sa’aatii 9:00 irratti bakka Oddoo Butaa jedhamutti du’e.

Namichi tooftaan nyaataa fi summii dhiyeessuudhaan nafxanyicha wajjin waliigaltee qabaachaa tureefi namni maqaansaa Wadaajoo jedhamu, gaafa Oliiqaan du’uusaa hubatu qawwee dhukaasee funyaansaa madeessuun, anatu ajjeese jedhee muudamuuf jecha Xaaliyaanotatti gabaase. Gaafa du’a Oliiqaa dhaga’u ummanni naannawa sanaa ba’ee hiyyee boo’e. Hogganoonni koloneeffataas Dambii Dolloorraa yeroo dhufan "Oliiqaa miti, kan du’e nama kan biraa ta’a" jedhanii shakkanii turan. Sababiin shakkii saaniis Oliiqaa qabachuu fi ajjeesuuf yeroo dheeraaf yaalii godhaniin waan hin milkoofneefi.

Kana booda muudamaan Xaaliyaanii kan Gavarnoo Dhaayee jedhamu reeffa Oliiqaa yommuu argu "ajjeesuu balleessitan, nama akkasii hin ajjeesan, muudanii hoogganaa waraanaa godhatu" jechuun Wadaajootti dheekkame. Erga reeffasaa gara magaalaa Dambii Dolloo geessanii booda haadha warraa Oliiqaa waamanii isa ta’uufi dhiisuusaa adda akka baaftu gaafatan. Isheenis mallattoo duraan miilasaarra ture ilaaltee isa ta’uu mirkaneessiteef.

Sana booda Xaaliyaanonni reeffasaa suura kaasanii karaa laga Borxaa buusanii naannawa dur Biheeraawwii Xoor jedhamutti awwaalan. Wadaajoo isa Oliiqaa natu ajjeese jedhu Jimmaa geeffamee otuu achi jiruu guyyaa tokko mana daadhii taa’ee otuu dhaadatuu durbiin Oliiqaa achumatti ajjeese. Erga Oliiqaan du’ee weediftoonni akkana jedhanii isa faarsaa turan:

Facaasaa heexoo dhuguun

Oddoo Butaarra buluun

Michuu dubartii buluun

Xixxiixaa Dingil Bookaa

Oliiqaa galaafate.

Qawween Oliiqaa ajjeesee

Maqaansaa Wacafoodha

Baga kaartaa hin nyaatini

Namni Oliiqaa ajjeese

Maqaansaa Wadaajoodha

Baga taa’ee hin nyaatini

Additional Sources: Wekipida

 

Agarii Tulluu

Seenaa Gabaabaa Gooticha Agarii Tulluu

Agariin Tulluu qabsaawaa mirga Oromooti. Agariin bara sirna abbaa lafaa keessa cunqursaa ummata Oromoorra ga'u balaaleffachuudhan qabsoo waraanaa jalqabe. Qabsoo irra guddaa gochaa kan ture naannoo Salaaletti ture. Qabsoo kana gara naannoo biraattis baballisuuf sochii gochaa ture.

Agarii Tulluu giddu galeessa Oromiyaa godiina Shawaa Kaabaa aanaaa Dagam iddoo addaa Leemman sillaasee jedhamuutti bara 1934tti dhalate. Agarii Tullu diimaa gara magaalatti aanuu fi dhaabbanni isaa baayyee gabaabadha. Yemmuu alaalaa ilaalan nama homaa hin beekne wayii fakkaata. Yeroo baayyee fuula isaa iraa gammachuutu dubbifama. Onneen isaa garuu dhiibbaa ilmaan nafxanyaatin madooftee jirti. Namoonnii isatti dhiyaata akka ragaa bahanitti Agariin garraamessa. Garraamummaan isaa garuu sodaataa isa hin goone, hinumaayyuu akka inni hiyyeessaf falmuuf baayyee gargaare.

Agarii Tulluu bishaan daakudhan yeroo ijoollumaasaa dabarse. Gootichi Agarii Tulluu umurii ijoollumaatin bara 1950tti leenjii looltummaa fudhachuuun waraana yeroo sana kubur zabanyaa jedhamu kana mana mootummaa eegu keessatti qaxaramuun magaala Finfinneetti gale. Waraana keessatti qaxaramuu murteessuun isaa jaalala sirna sanaaf qabu osoo hin taanee booree garaa isaa guutte baafachuuf mala ittiin leenjii loltummaa fii meeshaa waraanaa argatu mijeeffachuufi. Wayita looltuu kubur Zabanyaa ta’ee hojjeechaa jiru kanattii loogin sanyii biyya kana keessatti dagaagee jiru fi cunqursa uummata Oromoo irra gahaa ture sana arguudhan garaan isaa caalatti murtii qabsoo hidhannoo gochuuf murteesse sanarra akka ga’uuf gumaacha guddaa godhe. Kana malees wayita Salaale lafa dhaloota isaa turetti dhiibbaa ilmaan Nafxanyaa yookan Abbaan lafa ilmaan Oromoo irraan gahaa jiran suni umrii ijoollumaati sammuu Agarii keessa seeee jira.

Wayita loltuu Kubur zabanyaa ta’uun Finfinneetti tajaajila ture sana miseensa Waldaa wal-gargaarsa Maccaa Fi Tuulama ta’uudhan sochii sabboonummaa Oromoo waldichaan jalqabame sana keessattillee qooda fudhachaa akka ture seenaa jireenya isaa irra mirkaneeffannee jirra. Waldaa kana keessattis jeneraal Taaddasaa Birruu wajjin wal baree dhimmaa qabsoo Oromoo irrattilleen mar’achaa akka turanii fi Agariin caalatti akka inni murtii jabaa kanarra ga’uu godhee jira.  Bara 1959tti wayita hooggantoonni Waldaa Maccaa fi Tuulama mootummaa Hayilasillaasetiin yakkamanii mana hidhaa gala sanatti Agarii Tulluu immoo hojii loltummaa kubur Zabanyaa hojjecha jiru sana dhiise meeshaa waraanaa hidhatee jiru fudhachuudhan gara bosona Salaaleetti qajeele. Tarkaanfii kana fudhachuuf kan isaa kaakaase cunqursaa uummta Oromoo irra jiru san hambisuuf karaa nagaa waan hin yaadamneef qabsoo hidhannoo geggeessuun barbaachisaa ta’uu isaa waan itti amaneef.

Erga qabsoo hidhannoo irratti bobba’ee booda sodaa tokko malee uummata fincila diddaa garbummaatif akka kakka’an barsiisaa ture. Uummanni abba lafaa akka hin gabbaree fi abbaan lafaa immoo uummata irra irboo akka hin fudhanne akkeekkachiisaa kan ture wayita ta'u abbaa lafaa ajaja isaa kana fudhachuu dide irratti immoo tarkaanfii fudhachaa ture. Ilmaan Nafxaanya gochaa Agarii kun kan aarse fii rifachiise waan ta’eef gootni kun akka waan shiftaa ta’ee fakkeessudhan uummata burjaajessuuf yaalan illeen gochaa isaa amala shiiftaa waan hin qabneef uummanni irraa hin fudhane. Sababiin isaas Agariin akka shiftaa qabeenya namaa kan saamu osoo hin taane rakkoo hiyyeessaaf nama falmuu fi qabeenya warra ilmaan nafxanyaa qofa addaan baasee nama saamaa ture. Agariin bosonaa keessa dhokaate kan ta’uu osoo hin taanee guyyaa saafa’aan baadiyyaadha hanga magaalatti uummata keessa deemee balaa sirni sun uummata Oromoo irraan ga’aa ture sana nama ifatti uummata barsiisaa ooludha. Sabaabin isaa immoo uummmata biratti fudhatama waan argatee fi qabsoo inni gochaa jiru uummata bal’aaf ta’uu uummanni duurse waan hubateefi. 

Agariin ummata Oromoo biratti jaalala guddaa waan horateef mootummaan garboofta abbaa irree sanaaf Agarii argachuun lilmoo takkittii tuulaa cidii guddaa keessa barbaaduu itti ta’e. kana irraa ka’uudhan nama Agarii qabes ta’ee nama Agarii bakka jiru argee mootummatti himeef badhaasni guddaan akka kennamu labsame.

Gootni kun baayyee abshaala waan ta’eef tooftaa garaa garaa fayyadamuudhan uummata amansiisaa akka ture ni dubbatama. Faakenyaf bara qabsoo isaa keessatti guyyaa tokko ergamtoonni mootumma garboofata abbaa irree biraa dhufan kan dhalootan Oromoo ta’an Agarii qabanii keennuuf akka dhufan waan duursee dhaga’eef galgala bakka isaan jiranitti akkuma tasa irra ga'e. Sana booda jarri nu ajjeessa jedhanii baayyee rifatan, inni garuu akka isaan ajjeessuf hin dhufne itti hime tasgabeesse. Sana booda “akka ana qabuuf yookan ajjeesuuf dhuftan dhaga’een dhufe, akkanumaan dhaamaatan malee ana rasaasni na hin ajjeessu jechuudha isaan fuuldura dhaabbatee rasaasa sobaa kan yeroo kubur zabanyaa ture argate qawwee isaa keessa galchuun ofitti dhukaase du’uu didnaa jaarrii baayye rifatte. Itti aansee immoo rasaasa sana qawwee isaa keessa godhee ergamtoonni sun akka itti dhokkasani ajajee fuuldura dhaabbate. Haaluma inni ajajee dabaree dabareedhan itti dhokaasan, garuu Agarii hooma hin taane. Sana booda Agarii rasaasni hin dhawu jechuudha ballinaan odeeffame. Kuni immoo sodaa Nafxanyoonni Agariirraa qaban kan dabalee fi fudhatamni Agarii uummata keessatti qabullee akka dabalu taasise. Kabaja guddaas akka argatu ta’e.

Agarii Tulluu hordoffiin mootummaa abbaa irree waan itti baayyateef yeroo hunda of jijjiiret qabsoo sana adeemsisaa ture. Yeroo tokko qeesii fakkatee yoo deemee yeroo biraa immoo kadhatuu fakkaatee deemaa. Yemmoo barbaade immoo qotee bulaa baadiyya fakkaate waan garaa isaa hojjechaa ture. Yeroo sana namoonni oduu funaananii qaama nageenyatiif geessaan “Agariin qeesii fakkatee amma asii darbee agarree ture” yoo jedhan tibbaa sana namni uuffata qeesii uffate hundi qaama nageenyatiin qabamanii qoranna irratti gaggeeffama. Xiqqoo turanii immoo “Agariin Kadhattuu fakkaatee yommuu asiin darbu agarree turree” oduun jedhu qaama nageenyaa qaqaba. Tibba sana immoo kadhattuu hundi qabamanii mana hidhatti guurramuun kanuma barame. Garuu Agarii argachuun hin dandeenye. Agariin gaafa ofii isaatii barbaade malee qaama nageenyatti hin mul’atu garuu isaanuma wajjin oolun kanuma barame.

Ummanni Oromoo salaalee akka Agariin harka mootummaa oftuulaa sanatti hinkufneef akka armaan gadii kanatti sirbaan waaqa kadhatuuf.

“Kuyyuu hinroobin yaa cabbii
Hurufa kuyyuu hinroobin yaa cabbii
Nafseetti faradanii Agarii Tulluu baasi yaa rabbii

Gaafa Nafxanyoota irratti tarkaanfi fudhachuu barbaades tasa osoo hin taane akka qopha’anii eegani dura ergaa itti dhaameetuma dhaqa. Fakkeenyaf guyyaa tokko Bulchaa aanaa Dagam yeroo sanaa kan ta’etti akka dhaquu ergaa itti dhaame. Guyyaa jedhame yoo ga’uu namichi waardiyyoota isaa qabatee meeshaa isaa hidhatee loltuuta isaa hidhachiisee dhufa Agarii eegutti ka’e. Osumaa eegaa jiru kadhataan uuffata baayyee moofa’e uuffatee kadhachaa deemu tokko mana bulchaa kanaatti goree kadhate. Hojjettooni isaa kadhataa kanaaf miidhan kennaniifii nyaachisan. Kadhatichis “aduun waan itti dhiittef bakkin ani deemu immoo bosona keessa darbeeti waan ta’eef shiftaan na reebaa akka gooftan keessan na bulchuuf naaf kadhadha” jedhen. Hojjettonnis goofta isaani kadhataniif yaa bulu, achi baaxii mana jala yaa ciisu jedhee hayyameefi kadhatichi bakka bultee argate. Sana booda dhufa Agarii eeguu itti fufan. Sa’aati beellamaa darbus Agariin dhufuu waan dideef abbaa angoo “suni duraanu erga hoomi tiskee na fuldura dhaabatee naan lolti” jechuu tuffii Agariif qabu mullisuun laphee ofii dhiittessee ta’ ee. Yeroo kan kadhataa baaxii jala ciisu sun waan namni kun jechaa jiru hunda sirritti dhaga’a. Ergaa obsaan xiqqoo turee booda kadhatichi bakka ciisuu ka’ee shuggixii qanqalloo iitti kadhachaa ture sana keessaa baase gurraa bulchaa sana irratti qabee akka harka kennatu gaafate. Namichis naasudhan qawwee isaa lafa godhatee harkaa itti kennate. Edaa kadhaata bakka bultii gaafate sun Agarii Tulluuti. Sana booda Agarii namichas Wardiyyoota isaa walitti hidhee erga garafaa turee booda mana tokkotti galchee balbala itti cufuudhan meeshaa waraana isaani fi maallaqa fudhatee deemudhan waan ta’e sana akka bulchaa godinichaatti Fiichee deemudhan itti himu ajajee yoo himuu baate garuu yeroo biroo deebi’uudhan akka ajjeessu akkeekkachiise. 

Gochaan Agarii kun kan rifachiise fi baayyee aarse bulchaa aanaa kuyyuu yeroo sanii kan ture fitawurarii Muluu Asanuu anuu Agarii nan qaba jedhee dhaadachuudhan bulchaa godinichaatif waadaa galee, akka ittiin qabuuf qawwee Domoftorri Ameerikaa shan kennameefi. Qawween kunis ashkarootasaatii hiruun barbaacha Agariitiif Aanaalee Kuyyuu, Warra Jaarsoo, Giraar Jaarsso, Dagam, Hidhabuu Abootee fi Yaayyaa Gullallee lafa kanaa dura Agariin keessa socha’uun qabsoo gaggeessa ture keessa ka’an. Barbaachaa baayyina keessa naannoo lafa dhaloota Agarii kan taate bakka Leemman sillaasee jedhamuun beekkamtutti Agarii argatan itti marsan. Sana booda Agariin namoota ergmanii isa qabuu dhufan dura dhaabachuudhan injifannoo seenaan hin daganne galmeessisuu danda’ee jira. Namoota qabuu dhufan kaan isaani ajjeessee, kaan immoo madeesse, kanneen hafan immoo dheessanii gara dhufanitti akka deebi’aniif dirqisiise.

Sanaa booda uummanni Salaalee gootummaa kana dingisiifachuudhan akka Muluu of fakkeessanii Agariidhaf sirba armaan gadii kana sirbaniif.

Ana rabbitu na baasee
Dabalee gurrarra yaasee
Burruusee dheefatu baasee
Qawwee awuraajjaa gachisiisee

Itti dabaluudhanis akka armaan gaditti weeddisu:

Yaa burruusee
Ashkara koo yaa burruusee
Ni lolla naan jettaniitoo
Sintu rakkoorra na buusee 

Jechuudhan salphina Muluu sirbaan Agarsiisaa turan. Burruusee fi Dabaleen ashkaroota Muluu turan.

Guyya tokko bakka Agarii jiru kan duurse hubate Asmaarin duraan Agarii wajjiin deemee faarsa ture qaama nageenyatti hime. Asmaariin kun kan Agarii ganeef namni bakka Agariin jiru hime lafa gaashaa lamaa fi qarshii kuma kudhan badhaasa akka argatu mootumman suni waan labseefi. Sana booda humni dafee qaqqabaa mana Agariin keessa jiru sanatti marsanii yemmuu Agarii bahuu ajjeesuu yookan immoo madeessani booji’uudhaf eeguu jalqaban. Humni waraana dafee qaqqabaa itti marsuu waan dhagayateef toftaa itti harkaa bahu barbaadee jalqabe. Sana booda qamisii dubartii kaawwatee, kophee durbaa godhatee, shaashii hidhatee durbaa bareeddu fakkaatee karuma balbalaati bahee deeme. Yeroo kana waranni iddoo qabatee eegaa jiru ilaale sanyoon isaa baate inni itti aanee dhufa jedhanii of eeggannoodhan eegutti ka’an. Agariin duubatti darbuudha jaallewwan qabsoo isaa wajjin bombii fi rasaasa itti roobsudhan loltoota baayyee ajjeesee kaan immoo madesse warri kaan immoo gara dhufanitti akka deebi’an godhe. Gama Agariitin jaallee qabsoo tokko qofatu wareegame.

Sochiin Agarii jalqabe kun hirriiba kan dhoowwe mootummaan Hayila sillasee loltoota baayyina gara Salaalee naannoo Agariitti qabsoo hidhannoo gaggeessaa jiru sanatti bobbaasee, Agarii bakka jiru nutti himaa jechuu uummata daraaruu fi hidhuu itti cimsan. Baayyinni loltoota bobba’ee Sulultaa hanga qarre gohaatti kan lafa dhiphise ture. Yaa ta’u malee uummanni naannoo saniii namni tokkoyyuu Agarii dabarsanii kennuu irraa ofumaa dararaa fi gidiraa irra gahu fudhachuuf filatan. 

Qabsoon Agariin godhus Salaalee keessaa Aanaa ja’a jechuun Aanaa Dagam, Kuyyuu, Warra Jaarsoo, Hidhabuu Abootee, Giraar Jaarsoo fi Yaayya Gullallee yoo ta’u Shawaa dhihaa keessaa immoo Aanaa Meettati. Kanaaf Agarii eessa akka oolu fi bulu hin beekkamu har’aa bakka tokkotti yoo argame bariisaa immo iddoo biraatti Argama. Dhumarratti qabsoo hidhannoo kana gara kutaa Oromiyaa biraatti baballisuu fi iddoo jijjiirachuudhan umurii qabsichaa dheeressuuf yaadee gara dhiha Oromiyaa, Wallaggaattibobba’ee.

Gaafa gara Wallaggaatti deemuu Finfinnee naannoo Qacanee Madaniyalemi jedhamu bakka duraan itti boqotutti goruudhan jaallewwaan qabsoo isaatif gara magaalaa Naqamteetti deemuu isaa fi isaan illee akka isa hordoofuun garas deemaan xalayaa barreessef dubartii haadha manichatti kenneefii deemee. Xalayaa kana irraatti Hoteela keessa qubatulleen barreesse ture. Isumaa bakka sanii bahee qaamni nageenya mootummaa abbaa irree Agarii barbaachaf iddoo qacanee Madaniyalemi kana dhaquun mana Agarii boqotu sana seenuun haadha mana sana dirqisiisani bakka Agarii jiru gaafachuun xalayaaa sana dabarsitee akka kennitef seenaa isaa irraa hubanneera. Bakka Agariin boqotu kana kan hime immoo namuma dura Agarii wajjin Dirree Qabsoo galee booda maalaqqaan mootummaan sun bitate akka ta’ee qorannoo seenaa godhame irraa hubannee jirra.

Erga xalayaa Agarii jallewwan isaati katabe sun harka diinatti kuftee booda Gurraandhala 8, bara 1962 tti Magaala Naqamtee hoteela keessa boqote keessatti gootichi OromooAgarii Tuulluu harkaa warra oftuultotaatti kufe. Sana booda gammachuudhan Agarii fudhatanii gara Salaalee geessanii magaala Fiicheetti hidhan.

Sana booda uummanni qabamuun Agarii aarse sodaa tokko malee dirreetti bahanii Agariidhaf sirbuu jalqban. Fakkeenya gaafa qabamuu isaa dhaga’an:

“Yaa Hoolota oborii

Hoolota Hamdee gugurraa sanii

Shiboo irra maranii 

Harka Agarii ibiddo sanii” jechuun dhaamsa dabarfachaa tura.

Dhaamsi sirba armaan olii kanaa dhaamsa guddaadha. Hamdee Abarraa Nafxanyicha uummata Salaaleerraa lafa fudhatee biyyaa isaanirraa akka baqatan godhee yoo ta’u. Hoolota Hamdee jechuun immoo wardiyyoota Hamdee jala kaachudhan uummata isaani rakkisa jiran jechuu isaaniti.

Agariin erga hidhame turtii ji’a tokkoo keessatti akka duuti itti murteeffamu godhan. Sana booda Eblaa guyyaa Wiixata bara 1962 magaala Ambisootti obboloota isaa Jimaa Tulluu fi Hirkoo Tulluu wajjiin bakka uummannii baayyinan jirutti fannisaani ajjeessan. Jimaa Tuulluu fi Hirkoo Tulluu obboleessa Agarii ta’uun qofa fannifamanii ajjeffaman.

Duutii ijjoollee Tulluu kan baayyee aarse ummanni Oromoo Salaalee akka armaan gadii kanatti sirbaan gadda isaanii ibsachaa turan.

“Yaa haadha too yaa Tarrafuu

Tokko du’ee lamat hafuu

Lama du’ee tokkotti hafuu

Sadi du’ee maalitti hafuu”

Agarii Tulluu seenaa qabsoo uummata Oromoo keessatti goota bara baraan kabaja fi jaalalaan yaadatamaa kan jiraatu fi sochiin sabboonummaa Oromoo innii godhee laphee ilmaan Oromoo keessa kan hin baanedha.

Maddi: https://om.wikipedia.org/wiki/Agarii_Tulluu  

Abdiisa

Abdiisaa Aagaa

Koloneel Abdiisaa Aagaa (1919 - 1977) Oromiyaa, Wallagga kessatti dhalate. Abdiisan waraana Itoophiyaan Xaaliyaanii waliin geggessiteraati gootummaa guddaa agarsiisen ummata biratti beekkama.

Koloneel Abdiisaa Aagaa Oromiyaa Dhihaa,Wallagga ,Najjotti bara1919 kessatti dhalate. Bara 1925tti mana barumsaa Abbaa Gabra-Maaram seenee afaan Amaariffaa dubbachuu, dubbisuu fi barreessuu barate. Bara 1927, mana barumsa misiyoonii Najjoo seenee Afaan Ingiliffaa barate.

Yeroo umuriinsaa 12, Abbaan Abdiisaa obboleessa isaa ajjeessee mana hidhaa gale. Abdiisan kana ol iyyatee abbaasaa gadi lakkisiisuf gara Finfinnee yoo deemeyyuu, abbaansaa dhumaratti murtii du'aatin ajjeefame. Kanaan gaddee fi aaree, Abdiisan umurii 14tti Waraana Itoophiyaatti dabalame. Bara 1932, Akkaadaamii Waraanaa Hoolotaa seenee waraana barachuun ajaja-kudhanii ta'uun eebbifame. Yeroo waraanni Xaaliyaanii Itoophiyaa qabatu Abdiisanis waraana kanarrati loltuu ta'ee hirmaatee ture. Hiryootasaa wajjini diina Wallagga qabate buqqisuuf gara Wallaggaa deeme. Boodarras hiriyootasaa du'arraa hafan 30 wajjin booji'amee jalqaba Jimmatti hidhame. Hiriyootasaa wajjin ji'a tokko booda Jimmarraa gara Finfinneetti dabarfamanii ji'a lama hidhman. Ji'a lama boodas mana hidhaatii gadi lakkifaman. Bara 1936, Giraaziyaanitti boombin darbatamee waan madaayef, Abdiisaan namoota 42 wajjin qabamee karaa Mitsiwwaatin gara Moqaadishoo geeffamuun achitti hidhaman. Namoota Abdiisaa wajjin Hoolotatti baratan keessa nama 18 erga ajjeesanii booda, namoota 30 hafan Xaaliyaanii geessanii mana hidhaa kuusaa odola Sisilii keessatti aragamutti hidhame. Achitti Kapiteen Juuliyoo, goota Yugozilaavin wal bare.

Mana hidhaattis Abdiisaa fi Kapiteen Juuliyoon michuu ta'an. Waliinis mana hidhaa keessaa badanii miliqan; isaan wajjin hidhamtoota 10 ol ta'an fudhatanii bahanii bosonalatti galan. Guyyaa muraasa booda mana hidhaa sanatti geggeessummaa Abdiisatiin alkan deebi'an; Abdiisaa Xaaliyaanonni hedduu soodaatu turan. Abdiisan eegdota mana hidhaa sanaa hudhee ajjeese. Itti aansun Juuliyoo wajjin uffata eegdota mana hidhaa sanaa fudhatanii uffatan. Meeshaa waraana eegdota sanaas qabataii eegduu mana hidhaa sanaa fakkaachun karrarraa dhaabbachuu jalqaban. Abdiisaa fi Juuliyoon buufata sana keessa seenun hidhamtoota hunda gadi lakiisan, qondaaltota Xaaliyaanii buuftana sana keessa jiraniin wal waraananii meeshaa isaanii fi rasaasa saamanii, konkoolattota meeshaa waraanaa fe'an booji'anii gara bosonaatti deebi'an.

Abdiisaanfaa haaluma kanaan loluun hidhamtoota baasuu, baankii, mana kuusaa mootummaa fi buufata kuusaa saamuu itti fufan. Kanaanis lakkoofsi garee isaa guddatee waraana ta'e. Mootummaan Faashistii Xaaliyaanis waraana isaanirratti bane. Gareen kunis Abdiisaa geggeessa isaa godhachun filatee sadarkaa meejerii isaaf keenne. Xaaliyaanonniis Abdiisaa baayyee sodaatu turan. Sodaa kantti fayyadamuun saamtonni Xaaliyaanii fuula isaanii gurraacha dibanii Abdiisaa fakkaachun baankii fi manneen namaa saamu jalqaban. Abdiisaanis jarreen hojii hamaa kanaan maqaa isaa xureessan kana qabee ajjeessa ture. Mootummaan Xaaliyaanii Abdiisaa qabuuf yaalii guddaa gochaa ture garu hin dandeenye. Kun ta'u didnaan, Abdiisaa aangoo guddaa sii kennina jechuun garee isaanitti akka dabalmu gochuuf yaalan. Abdiisan garuu kana hin fudhanne.

Boodarra Waraannii Addunyaa Lammaffaan jalqabame. Humni Allaayidii Biriiten, USA, Firaansi, fi Raashiyaan meejer Abdiisaa, kaapiteen Juuliyoo fi garee isaanitiif beekkamti kennuun meeshaa waraanaa fi gargaarsa kan biraa dhiyeessufii jalqaban. Meejer Abdiisan waraana paartisaanotaa kan addunyaa kan Ameerikaanota, Faransaayota, Ingilishoota, fi Itoophiyaanota of keessaa qabu akka geeggeessuuf filatame. Kaapiteen Juuliyoon ammoo paartisaanota Yugosilaav akka geggeessuuf filatame. Haala kanaa paartisaanonni, duraan baayyen isaanii hidhamtoota kan turan, Xaaliyaanii dadhabsiisun kufaatii isaanitiif karaa banan. Meejer Abdiisan goota waraana Addunyaa lammaffaarratti magaalaa Room booji'edha. Warri Biriitenis Abdiisaa ajajaa Pooilisii Waraan Biriitish godhanii yoo filatan Jarmaanii akka waraanufis gar Jarmaniitti ergan. Achittis Naazii Jarmaniidhan magaalaa adda addaa keessatti loluun isaan mo'era. Dhumarrattis Barliin alaabaa Biriitishii fi Itoophiyaa fannifachuun seene gootummaa isaa addunyaatti agarsiiseera.

Dhuma waraana addunyaa lammaffaarratti, warri Biriitish, Kanaadaa fi Ameerikaa, aangoo guddaa akka isaaf kennan itti himuun akka loltuu isaanitti dabalamu gaafatan. Abdiisaan garuu gara biyyaa isaatti deebi'uu akka barbaadu itti imuun dide. Deebin warra Allaayidii waan arseef, yeroo Xaaliyaanin lolaa turetti biyya barbadeessite jechuun himannaa irratti banan. Warri Firaansi, Biriitishi, Ameerikaa fi amma tokko Raashiyaa, haala kanaan isa balaaleffatanii himannaa irratti banan. Akka carraa ta'ee, jeneraalli Biriitish kan duraan badhaasa Abdiisaaf kennee beeku tokko akka Abdiisan gadi lakkifamuuf tattaafachuun hidhaa isa gara adabbii qarshiitti jijjiirsise. Qarshii kanas Abdiisaa fi mootummaa Biriitishtu kaffaale, Abdiisanis gadi lakkifame.

Gootichi Abdiisaa Aagaa dhumarratti gar biyyaatti deebi'e. Hayila Sillaasenis Abdiisa erga simatee booda gara Abbabaa Aragaayitti, Ministeera Ittisaa kan ture, ergee akka inni qacaramuuf ajaje. Abbabaa Aragaay fi gootonnii kan biroo baayyeen gootummaa Abdiisaa waan beekaniif aangoo nurraa fudhata jedhanii isa sodaatan. Kanarraa kan ka'e, Abdiisaa gara jeneraalaatti ol guddisuurra, Abbabaa Aragaay Abdiisaa gara Akkaadaamii Waraanaa Hoolotaatti akka waraana baratuuf erge. Erga ji'oota hedduu baratee booda akka liyuutenaantiitti eebbifame; kunis qondaaltota waraanaa kan Biriiten kan duraan Abdiisan Yuurooppitti ajajaa isaani ture baayyee naasie. Abdiisaan waraa Itoophiyaa keessatti baayyee hacuuccame. Waraan Itoophiyaa fi Somaaliyaa irratti akka loluuf, Abdiisaan gara Ogaadenitti ergame. Achirratti gootumma fi ogummaa waraanaa guddaa yoo agarsiisus, sadarkaan isaa waggaa dheeradhaaf kaapiteen bira ol hin dabarre ture. Boodaraa erga kaapiteen Juuliyoo fi Maarshaal Tiitoo dhimma kana H/silaasetti beeksisaanii booda, Abdiisaan gara sadarkaa koloneelitti ol guddate; eegduu mootis ta'e. Koloneel Abdiisaa Aagaa, warraaqsaa Itoophiyaa kan bara 1974 booddee waggaa muraasan booda bara 1977 boqote.

Yaadannoo Abdisaatif, manni barumsa sadarkaa lammaffaa Najjotti argamuu maqaa isaatti moggaafamuun, Mana Barumsa Abdiisaa Aagaa jedhama.